Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti

Qorannoon kun mataduree “Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti” jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannichaa gahee dubartootaa qoosaa Oromoo Maccaa keessatti xiinxaluudha. Qorannicha beeduubbee hiikaa (interpretivism paradigm) bu’uureffachuun gaggeeffame. Saxaxa qoranicha keessatti dhimma ba’ame saxaxa sanyaabsaadha. Gosti qorannichaa akkamtaa ta’ee, ragaalee barbaachisan madda ragaa tokkoffaarraa walitti qabaman. Ragaalee walitti qabuuf iddattoota godinoota lama keessaa aanaalee tokko tokko mala iddatteessuu akkayyootiin filatame. Ragaaleen afgaaffiifi marii garee xiyyeeffatamaan walitti qabamani. Ragaaleen walitti qabaman mala xiinxala ergaan xiinxalamani. Xiinxala taasisame bu’uura taasifachuun yaadoleen adda baafamanis, dubartoonni gahee walhormaataa keessatti bal’inaan hirmaataniyyuu gahee murtoo kennuun garuu gahee muraasa qabu. Gahee walhormaataa kanneen jedhaman: gahee dhaloota fufsiisuu, gahee daa’imman guddisuufi gahee maatii kunuunsuu, akkasumas, gahee hojii mana keessaa keessatti shoora olaanaa qabaachuun isaanii adda ba’ee jira. Gama biraan, murtoowwan gurguddoofi xixiqqoo kennuu walqabatee gaheen isaanii daangeffamaa ta’uutu mul’ate. Keessumaa murtoowwan gurguddaa murteessuu irratti gaheen isaanii xiqqaadha. Gahee walhormaataa keessatti hirmaanaa olaanaa qabaatanii gahee murtoo kennuu keessatti gahee muraasa qabaachuun isaanii jiruufi jireenya isaanii irratti dhiibbaa geessisuurra darbee humna isaanii qisaasessuu fakkaata. Kanaafuu, gahee walhormaataa keessatti qooda guddaa akkuma qaban murteewwan gurguddoos ta’e xixiqqoo murteessuu keessatti utuu bali’inaan hirmaatanii gaarii ta’a.

Authors

Publication Details

Journal
National Academic Digital Repository of Ethiopia
Published
2026-08-18
DOI
https://doi.org/10.20372/jdq.v3i1.2293
Primary Topic
Global Maritime and Colonial Histories
Type
article
Field-Weighted Citation Impact
0.00
Controls
|||
ALL TIME
JAN
FEB
MAR
APR
MAY
JUN
JUL
AUG
SEP
OCT
article

Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti

Fiqaaduu Qana’aa, Tewoodroos Addunyaa, Birihaanuu Baqqalaa
National Academic Digital Repository of Ethiopia
Global Maritime and Colonial Histories
article

Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti

Fiqaaduu Qana’aa, Tewoodroos Addunyaa, Birihaanuu Baqqalaa
article en

Abstract

Qorannoon kun mataduree “Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti” jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannichaa gahee dubartootaa qoosaa Oromoo Maccaa keessatti xiinxaluudha. Qorannicha beeduubbee hiikaa (interpretivism paradigm) bu’uureffachuun gaggeeffame. Saxaxa qoranicha keessatti dhimma ba’ame saxaxa sanyaabsaadha. Gosti qorannichaa akkamtaa ta’ee, ragaalee barbaachisan madda ragaa tokkoffaarraa walitti qabaman. Ragaalee walitti qabuuf iddattoota godinoota lama keessaa aanaalee tokko tokko mala iddatteessuu akkayyootiin filatame. Ragaaleen afgaaffiifi marii garee xiyyeeffatamaan walitti qabamani. Ragaaleen walitti qabaman mala xiinxala ergaan xiinxalamani. Xiinxala taasisame bu’uura taasifachuun yaadoleen adda baafamanis, dubartoonni gahee walhormaataa keessatti bal’inaan hirmaataniyyuu gahee murtoo kennuun garuu gahee muraasa qabu. Gahee walhormaataa kanneen jedhaman: gahee dhaloota fufsiisuu, gahee daa’imman guddisuufi gahee maatii kunuunsuu, akkasumas, gahee hojii mana keessaa keessatti shoora olaanaa qabaachuun isaanii adda ba’ee jira. Gama biraan, murtoowwan gurguddoofi xixiqqoo kennuu walqabatee gaheen isaanii daangeffamaa ta’uutu mul’ate. Keessumaa murtoowwan gurguddaa murteessuu irratti gaheen isaanii xiqqaadha. Gahee walhormaataa keessatti hirmaanaa olaanaa qabaatanii gahee murtoo kennuu keessatti gahee muraasa qabaachuun isaanii jiruufi jireenya isaanii irratti dhiibbaa geessisuurra darbee humna isaanii qisaasessuu fakkaata. Kanaafuu, gahee walhormaataa keessatti qooda guddaa akkuma qaban murteewwan gurguddoos ta’e xixiqqoo murteessuu keessatti utuu bali’inaan hirmaatanii gaarii ta’a.

National Academic Digital Repository of Ethiopia
Openalex Percentile: Top 3%
Global Maritime and Colonial Histories
AI Navigator

Ask Laika to Summarize, Analyze, and Connect papers live on the map.

Summarize Papers & Methodologies

Extract key findings, datasets, and comparative methods across publications.

Benchmark Rankings & Visual Analytics

Rank top research institutions, authors, funders, topics, and journals by Field-Weighted Citation Impact (FWCI) and paper volume with instant charts.

Connect Distant Disciplines

Bridge topological clusters on the map to find hidden collaborative intersections.